Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Saamichaa fi hidhaan ergamtoota sirnichaan maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo irratti raawwatu godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaa keessatti cimee itti fufe

ONM-ABO Adoolessa 10, 2025 

Tiksitoonni bututtuu impaayera Itiyoophiyaa tarkaanfii laalessaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo irratti fudhachaa jiru jala dhaabbachuu dadhabuu irraan kan ka’e abdii kutannaa hamaa keessa seenuun maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo akka bineensaatti adamsanii ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi ukkaamsanii bakka buutee dhabamsiisuu itti fufanii jiru.

Jiraattuu Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa kan taate maanguddoo maqaan ishee Aadde Godee Garbuu Guuttataa jedhamtu maqaa “ilma keetu bosona jira” jedhuun Adoolessa 6, 2025 waraanni sirnichaa godinuma kana aanaa Saasiggaa ganda Tokkummaa Tsigee magaalaa Tsigee irraa gara aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaatti bobba’uun loon 2 kan isheen namatti darabaa kennattee jirtu jalaa ooffatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, Adoolessa 7, 2025 ammoo “qabeenyi kun kan kee ta’uu isaa kottuu seeraan mirkaneeffadhu” jechuun magaalaa Tsigeetti erga waamanii booda maanguddoo kanas qabanii waajjira poolisii aanaa Saasiggaa geessanii hidhaatti darbachuun eeramee jira.

Akka maddeen himanitti, Aadde Godeen maanguddoo ganna 70 olii fi haadha ilmaan 7 akka taate himuun, guyyaadhuma isheen hidhamte kana mucaa ishee shamarree Leensaa Mulaatuu Moosisaa jedhamtus waraanni raayyaa ittisa impaayerattii badii tokko malee ukkaamsuun hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti mooraa waraanaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Eebbaa bakka addaa Buufata Alamganaa jedhamu keessatti hidhanii dararaa ulfaataa irraan gahaa jiraachuu fi baatii tokko duras ilma ishee daa’ima ganna 14 fi barataa kutaa 8 kan ta’e Abdii Mulaatuu Moosisaas barnoota idilee isaa xumuree magaalaa Naqamtee irraa osoo inni boqonnaaf gara maatiitti galaa jiruu jaleewwan sirnichaa ganda Jireenyaa keessatti ukkaamsuun gaaffii tokko malee mooraa waraanaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu dubbatu.

Bifuma wal fakkaatuun Adoolessa 7, 2025 aanaadhuma kana ganda Eebbaa keessaas jiraattota maqaan isaanii:

  1. Addunyaa Eebbisaa,
  2. Eebbisaa Abdataa,
  3. Miidhaksaa Shobbaa fi
  4. Asteer Eebbisaa 

kanneen jedhamanis sababa sobaa “hariiroo WBO qabdu” jedhu itti maxxansuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ONM’f eeranii jiru.

Exit mobile version