ONM-ABO Adoolessa 20, 2025
Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Qajeelaa iddoo addaa Maadaraa jedhamu irraa Adoolessa 18, 2025 waraanni maafiyaan PP namoota maqaan isaanii:
- Abdataa Addisuu fi
- Dajanee Addisuu
jedhaman badii tokko malee mana jireenyaa isaaniitii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoonni kunneen obboleewwan ilmaan abbaa tokkoo kan ta’anii fi siyaasa kam keessas kan hin jirre yoo ta’an, ergamtoonni Bilxiginnaa ammoo sababa sobaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu itti maxxansuun kan hidhan ta’uu jiraattotni dabaluun dubbatu.
Bilxiginnaan yeroo adda addaatti jaleewwan isaa kumataamaan goleewwan Oromiyaa cufatti bobbaasuun meesha maleeyyii ilmaan Oromoo irratti yakkoota garaa garaa raawwachiisaa kan jiru ta’uun ni beekama.

