ONM-ABO Adoolessa 11, 2025
Dantaa dhuunfaa isaanii fi dheebuu aangoo qabaniif jecha sababa sobaa garaa garaa maqaa dhahachuun uummata nagaa hidhaatti guuraa kan jiran murni gara jabeeyyiin PP gocha hammeenyaa isaanii cimsanii itti fufuun Adoolessa 8, 2025 Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Gaarii keessaa maqaa “hariiroo WBO qabdu” jedhu itti maxxansuun hawaasa nagaa baay’inni isaanii 14 ta’an badii tokko malee kan hidhan oggaa ta’u, aanichuma ganda Jireenyaa keessatti ammoo maqaa gibiraan saamicha daangaa darbe jiraattota irratti geggeessaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Namoonni bifa kanaan hidhaman kunneen maanguddoota ganna 45 olii 12 fi dargaggoota 2 yoo ta’an, hanga gabaasni kun qindaa’eetti namoonni dararamaa jiraachuu dabaluun ONM’f eeraniiru.
Bifuma wal fakkaatuun aanaadhuma kana ganda Jireenyaa keessattis dararaan hawaasa nagaa irratti geggeeffamu cimee itti fufuun tibbana ammoo maqaa gibiraan nama tokko irraa qarshii 4500 hanga 5500’tti saamaa jiraachuu jiraattotni gandichaa ONM’f addeessaniiru.

