Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaa keessatti loltoonni sirnichaa hawaasa nagaa hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Muddee 20, 2024 

Murni aangoo irra bubbuluuf carraaqu Bilxiginnaan, goleewwan Oromiyaa keessatti loltoota isaa naamusa waraanummaa hin qabne bobbaasee hawaasa nagaa maqaa garaa garaa itti maxxansuun dararaa ulfaataa irraan gahaa kan jiru ta’uun ni beekama.

Muddee 17, 2024 waraanni maafiyaan PP aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa keessaa namoota maqaan isaanii:

  1. Lalisaa Mulaatuu,
  2. Sanbatoo Tasammaa,
  3. Chuuchaa Beekumaa,
  4. Dastaa Yaadasaa,
  5. Abboonee Inkoosaa fi
  6. Kumashii Sanbatoo jedhaman badii tokko malee mana jireenyaa isaaniitii qabuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Akka maddeen himanitti namoonni kunneen siyaasa kam irraayyuu bilisa ta’uu himuun, ergamtoonni sirna nama nyaataan PP ammoo ilmaan Oromoo Oromummaa isaanii qofaan yakkuun gochoota farra namoomaa garaa garaa irratti raawwachaa jiraachuu itti dabaluun dubbataniiru.

Exit mobile version