• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaa keessatti hidhaa fi dararaan ergamtoota sirnichaan hawaasa nagaa irratti jabaate

Jul 20, 2025

ONM-ABO Adoolessa 20, 2025 

Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Qajeelaa iddoo addaa Maadaraa jedhamu irraa Adoolessa 18, 2025 waraanni maafiyaan PP namoota maqaan isaanii:

  1. Abdataa Addisuu fi 
  2. Dajanee Addisuu

jedhaman badii tokko malee mana jireenyaa isaaniitii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoonni kunneen obboleewwan ilmaan abbaa tokkoo kan ta’anii fi siyaasa kam keessas kan hin jirre yoo ta’an, ergamtoonni Bilxiginnaa ammoo sababa sobaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu itti maxxansuun kan hidhan ta’uu jiraattotni dabaluun dubbatu.

Bilxiginnaan yeroo adda addaatti jaleewwan isaa kumataamaan goleewwan Oromiyaa cufatti bobbaasuun meesha maleeyyii ilmaan Oromoo irratti yakkoota garaa garaa raawwachiisaa kan jiru ta’uun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading