• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Furseetti shira murna Bilxiginnaan uummanni walitti dhukaasee namoonni 7 ajjeefamuun, hedduun madaa’uun dhaga’ame 

Jul 20, 2025

ONM-ABO Adoolessa 20, 2025 

Aanaa Harxummaa Fursee bakka addaa Qooxam jedhamutti gocha dabaa caasaalee Bilxiginnaan hawaasni akka wal-irratti duuluuf hojjetamaa ture hordofee Adoolessa 18, 2025 uummanni gandichaa gosa “Mirganee fi Caffa’oo” dhukaasa ganama irraa eegaluun walitti bananii battalatti namoonni 7 ajjeefamuu fi hedduun madaa’uun ibsameera.

Sababni uummanni aanichaa gosaan wal qoodeef kunis bulchaan ganda Bal’aa Obbo Hasan Hiinsaa jedhamu lafa Caffaa hawaasni loon irra dheechifatu qarshii guddaan namoota irraa nyaatee lafa seeraan ala qotadhaa ittiin jechuun wayita namoonni qarshii isa nyaachisan laficha qotatan ammoo lafa loon irra dheedu bulchaan PP’n wal taatanii nu horsiisee bultoota jalaa qottan jechuun summii bulchaan PP fi fakkaattoonni isaa hawaasa jidduutti facaasaniin lubbuun namoota namoota kanaa darbuun dhaga’ameera.

Namoota Adoolessa 18, 2025 bakka Qooxam jedhamutti ajjeefaman keessaa kan maqaan nu ga’e:

  1. Hasan Mahaammad Nuuruu,
  2. Ahimed Huseen Adam,
  3. Huseen Adamee,
  4. Huseen Baatee fi
  5. Ahimed Adam 

kan jedhaman battalumatti lubbuun darbuun hedduunis yoo madaa’an, hanga gabaasni kun qindaa’ettis reeffi namoota kanneenii kan hin kaafamne ta’uu fi qaamni dhimmi kun ilaallatus hawaasa kana jidduu akka hin seenin himuun, lakkoofsi namoota du’anii fi madaa’aniis kana caalaa dabaluu danda’a jechuun jiraattotni miira gaddaan shira PP balaaleffachuun dabaluun ONM’tti himan.

Leave a Reply