ONM-ABO Waxabajjii 12, 2025
Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Fayisaa iddoo addaa Didibbee jedhamu irraa Waxabajjii 10, 2025 waraanni maafiyaan impaayerattii maqaa sakattaan gandichatti bobba’e hawaasa nagaa sababoota garaa garaa itti tarreessuun hiraarsaa turuun, nama maqaan isaa Obbo Shoonee Baayisaa jedhamu jalaa sa’a hameessa tokko waatii ishee waliin ooffatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Obbo Shooneen qonnaan bulaa siyaasa kam keessa hin jirre yoo ta’u, torban lamaan duras “abbaa warraa keetu deggeraa WBO’ti” jechuun haadha warraa isaa daa’imman 2 waliin dhimma isaan hin ilaallanneen hidhaatti darbachuun yeroo ammaa kana waajjira poolisii bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti dhukkubaaf saaxilamuun haala ulfaataa keessa kan jiran ta’uus jiraattonni dabaluun ifoomsaniiru.
Shiftoonni fi saamtonni waraana Bilxiginnaa umurii teessoo siyaasaa koloneel Abiy Ahimediin dheeressuuf jecha goleewwan Oromiyaa maratti bobba’an, sabboontota ilmaan Oromoo fi maatii qabsaa’otaa hunda sobaan yakkuun gochoota garaa garaa irratti raawwachaa jiru.

