Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaatti loltoonni faashistii PP jiraattota saamuu fi hidhuu akkaan cimsanii itti fufan 

ONM-ABO Waxabajjii 2, 2025 

Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Fayisaa bakka addaa Kamisee jedhamu irraa Caamsaa 27, 2025 ergamtoonni Bilxiginnaa nama maqaan isaa Obbo Baacaa Alamaayyoo jedhamu jalaa dukkaana guutuu saamanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, ganduma kana bakka addaa Didibbee jedhamu irraa Caamsaa 30, 2025 dubartii maqaan ishee Bashaatuu Biraanuu jedhamtu “abbaa manaa kee galchi” jechuun daa’ima waggaa 2 maqaan ishee Singitan Shoonee jedhamtu waliin hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Naamusaa fi saayinsiin waraanummaa tasuma kan irraa hin calaqqisne waraanni Bilxiginnaa, goleewwan Oromiyaa cufa keessaa haala duraan amaleeffataniin olitti ilmaan Oromoo irratti yakkoota garaa garaa raawwachaa jiru.

Exit mobile version