Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaatti milishoonni bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti reebichaa fi doorsisa raawwatan

ONM-ABO Fulbaana 14, 2024

Maqaa “nageenya kabachiisuu”  jedhuun magaalaa irraa gara gandoota baadiyyaatti fedhii dhuunfaa isaanii guuttachuuf bobba’uun nageenya hawaasaa booressaa kan oolan ergamtoonni bilxiginnaa, Oromiyaa bakkoota adda addaatti hawaasa nagaa sababoota garaa garaatiin badii  tokko malee hiraarsuu itti fufanii jiru.

Bifuma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaatti reebichaa fi doorsisni ergamtoota Bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee jira.

Aanaa Guutoo Giddaa ganda “Qixxeessaa” jedhamutti Fulbaana 13, 2024 milishoonni Abiy Ahimed nama maqaan isaa “Fiqaaduu Nigaatuu” jedhamu fi haadha warraa isaa nama maqaan ishee Aadde “Taarikee Maammoo” jedhamtu waliin badii tokko malee daandii cirrachaa irra dugdaan ciibsuun reebicha ulfaataa erga irratti raawwataniin booda, harka isaanii duubatti hidhuun mukatti hidhanii dararaa turuu jiraattonni ganda Qixxeessaa Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himanii jiru.

Dabalataan, ganduma kana irraa Fulbaana 13, 2024 dargaggoo maqaan isaa “Daani’eel Asaffaa” jedhamu milishoonni kun qabuuf mana isaanii deemanii erga manaa isa dhabanii booda lakkoofsa bilbilaa isaa nama maqaan isaa “Eebbisaa Addunyaa” jedhamu, nama kanaan dura miseensa raayyaa ittisa impaayerattii turee amma immoo gandicha keessa naanna’uun sabboontota ilmaan Oromoo adamsuun hiisisaa jiru irraa fudhachuun itti bilbilanii bakka jirtuu amma kottu jechuun doorsisaa turuu maddeen keenya itti dabaluun himaniiru.

Exit mobile version