Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaatti reebichaa fi saamichi ergamtoota Bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Waxabajjii 18, 2025 

Jaleewwan Bilxiginnaa sirna abbaa isaanii Minilikiin deebisanii haaromsuuf, afaaniin waa’ee nagaa lallabaa gama kaaniin immoo faallaa isaa hawaasa dararuu qofa irratti bobba’anii uummata nagaa gidirsuu hammeessanii jiru.

Aanaa Guutoo Giddaa ganda Fayisaa jedhamu irraa loltoonni impaayera bututte ijaaruuf halkaniif guyyaa wixxisan, Waxabajjii 10, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Mitikkuu Tolasaa, 
  2. Gaarummaa Shiqqoo,
  3. Guutamaa, 
  4. Beekumaa Abdiisaa,
  5. Gammachuu Waaqjiraa,
  6. Asaffaa Gammadaa,
  7. Daawwit Irranaa fi 

kanneen biroo hedduu badii tokko malee maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu; ilmaan keessantu hidhatee bosona jira” jedhuun reebicha hamaa irratti raawwachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Kana malees, ganduma kana keessaa nama Obbo Abiree Bii jedhamu jalaa immoo, Waxabajjii 11, 2025 sangaa korma qarshii 60,000 ol baasu fudhatanii deemuu fi dukkaanota hedduu magaalaa Kamisee jedhamu keessaa cabsanii saamuu namoonni itti dhiheenyaan beekan ONM’f eeranii jiru.

Exit mobile version