Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaatti waraanni murna Bilxiginnaa baay’inaan ja’a ta’an qawwee fi hidhannoo guutuun WBO’tti makamuun beekame

ONM-ABO Waxabajjii 20, 2025 

Waraanni impaayerattii yeroo garaa garaatti wal dhabdee keessoo isaaniitti uumamuun akkasumas lola impaayerattii irratti kallattii adda addaan deemaa jiru nuffuun, gariin ammoo gocha badii uummata nagaa irratti raawwatamaa jiru mormuun zooniilee waraanaa cufa keessaa WBO’tti makamaa jiru.

Haaluma kanaan godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Aanfee mooraa waraana Aanfee keessaa Waxabajjii 16 fi 17, 2025 walitti fufiinsaan miseensonni waraana Bilxiginnaa: 

Miseensonni waraana PP WBO’tti harka kennatan kunneen gocha badii murni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiru mormuun keessaa akka bahan dubbachuun, jaalalaa fi simannaa Waraanni Bilisummaa Oromoo godheefitti gammaduun, hiriyyoota isaanii mooraa diinaa keessatti hafaniin impaayera dhiiga qulqullootaa dhangalaasuun jiraattuu fi tiksituuf aarsaa hin barbaachifne kaffaluu irra, gara obboloota keessan WBO’tti dhuftanii saba keessaniif akka birmattan jechuun dhaamsa isaanii karaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa dabarfatanii jiru.

Exit mobile version