ONM-ABO Waxabajjii 21, 2024
Dhaabbanni waraana impaayera Itoophiyaa barcuma Abiy Ahimed fi impaayera Minilik tiksuuf bobbaafaman jibbiinsa sanyummaa fi daba bilxiginnaan uummata Oromoo irratti raawwatu mormuun mooraa bilxiginnaa ganuun qawwee lafa kaa’anii baduu fi gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan dheengadda Waxabajjii 19, 2024 miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 3 godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa mooraa waraana bilxiginnaa keessaa qawwee fi hidhannoo guutuu waliin mooraa bilxiginnaa ganuun WBO’tti harka kennatanii jiru.
Miseensonni waraana faashistii PP duraanii kun haala mooraa waraana bilxiginnaa keessa jiru yeroo dubbatan, bilxiginnaan uummata Oromoo balleessaa jira, kaayyoo loluuf waraannichi hin beeku, Abiy Ahimediin barcuma irra tursiisuuf lubbuu dhabaa jirraa, mirgi keenya hin kabajamuu fi uummata Oromoo ajjeesuun qe’ee isaas barbadeessuu irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira jechuun hojii Abiy Ahimed hadheeffatanii dubbatan.
Nuti namootni Oromummaa qabnu gocha badii achi keessaa fi Oromoo irratti bilxiginnaan hojjechaa jiru jibbinee baane kan jedhan ilmaan Oromoo mooraa bilxiginnaaf tajaajilaa turan kun, badii osoo qabnuu Waraanni Bilisummaa Oromoo akkasiin nu simachuun isaa nutti toleera jedhan.
Dhuma irrattis uummatni Oromoo ijoollee isaa gara mooraa leenjiitti akka hin argine jechuun, warreen bilxiginnaa tiksuuf hidhatanii jiran ammoo qawwee fi hidhannoo isaanii waliin WBO’tti akka harka kennatan waamicha dabarsaniiru.

