Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina lixa Shaggar ona Gindabarat irraa miseensonni waraana raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa lama gooticha waraana bilisummaa Oromootti harka kennatan

ONM-ABO Caamsaa 3, 2023

Mooraan waraana bilxiginnaa guyyaa gara guyyaatti diigamaa deemuun, miseensonni waraana raayyaa ittisa impaayerattii aanota godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa meeshaa fi hidhannoo isaanii qabatanii bilxiginnaa ganuun gara waraana bilisummaa Oromootti harka kennachaa jiru.

Kibxata kaleessaa jechuun Caamsaa 2, 2023 godina lixa Shaggar aanaa Gindabarat mooraa waraanaa Furxoo irraa miseensonni waraana raayyaa ittisa impaayerattii lama gooticha waraana bilisummaa Oromootti harka kennatanii jiru.

Miseensonni waraana raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa kun qawwee AKM turkii 2, rasaasa 600, hidhannoo 3 fi boombii harkaa 3 galii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof taasisuun gara waraana bilisummaa Oromootti makamaniiru.
Yeroo hojii loltummaatiin sirnicha tajaajilaa turanitti gocha hammeenyaa uummata Oromoo irratti raawwachaa turaniif uummata Oromoo dhiifama gaafachuun, ilmaan Oromoo hojii loltummaatiin sirna nama nyaataa kana tajaajilaa jiran meeshaa fi hidhannoo isaanii waliin gara waraana bilisummaa Oromootti dabalamuun qabsoo bilisummaa Oromootti akka makaman  dhaamaniiru.

Exit mobile version