Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar aanaa Amboo keessatti loltoonni raayyaa ittisa impaayerattii lama gooticha waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatan


ONM-ABO Ebla 26, 2024

Bilxiginnaan aangoo isaa dheereffachuuf jecha ilmaan haadha hiyyeessaa fedhii isaanii malee bakka hojii, mana jireenyaa, mana barnootaa fi namoota karaa irratti qabee humnaan gara mooraa leenjiitti guuruun leenjii irraa erga ba’aniis lola isaan hin ilaallannetti lubbuu hedduu obbaasaa kan jiru yoo ta’u, miseensonni raayyaa ittisa Impaayerattii gariin ammoo mooraa sirnichaa hammeenya isaa daran baruun ganuu itti fufanii jiru.

Mooraan Bilxiginnaa saaffisa guddaan haphachaa kan jiru yoo ta’u mooraan Waraana Bilisumma Oromoo immoo haala barbaachisaa ta’een gabbaataa jiraachuusaa ilmaan Oromoo mooraa sirnicha dabaa fi cubbuun ijaarame qawwee fi hidhannoo guutuu waliin gadhiisanii ba’aa jiran ragaa guddaadha.

Haaluma kanaan godina Lixa Shaggar aanaa Amboo naannoo mooraa diinaa Dikii irraa miseensonni raayyaa ittisa impaayeerattii lama qawwee AKM dachaatuu tokkoo fi qawwee Turkii tokkoon gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Birgeedii Obomboleettii Cibraa Jaagamaa Badhaaneetti karaa nagaan harka kennataniiru.

Miseensonni raayyaa ittisa impaayeera Itoophiyaa duraanii kun ilmaan Oromoo meeshaa diinaa baatanii mooraa diinaa keessatti wareegama isaan hin barbaachifne baasaa jiraniin  koottaa gara mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti dabalamaa qabsaa’aa meeshaa diinaa baattanii deemuurra jechuun ergaa isaanii dabarfataniiru.

Exit mobile version