Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Gujii lixaa fi Bulee Horaa irraa waraanni raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa 6 gooticha waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatan

ONM-ABO Caamsaa 20, 2023

Dhaabbatni mooraa waraana raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa lola waggoota shaniif Oromiyaa keessatti waraana Bilisummaa Oromoo waliin geggeessaa tureen, gaagaa’ama lubbuu fi miiidhaa qaamaa miseensota isaanii mudate irraa kan ka’e diigamaa Kan jiru yoo ta’u, gariin ammoo du’a seenaa hin qabneef lubbuu keenya dhabuu hin qabnu  jechuun guyyaa gara guyyaatti mooraa sirnichaa keessaa miliquun gooticha waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachaa jiru.

kaleessa Caamsaa 19, 2023 godina Gujii lixaa aanaa Galaanaa irraa Miseensonni waraana raayyaa ittisa impaayerattii 5 Waraana bilisummaa Oromootti dhukaasuu irra gara qabsoo saba Keenyaatti makamnee waraana Bilisummaa Oromoo waliin sirnichatti dhukaasuu qabna jechuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti dabalamaniiru.

Miseensonni raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa  kunneen qawwee turkii 5, hidhannoo 5, boombii harkaa 10 fi rasaasa 1250 galii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo taasisanii jiru.

Oduu wal fakkaatuun aanaa Bulee Horaa irraa waraanni bilxginnaa tokko qawwee 1 fi hidhannoo 1, boombii harkaa 2 fi rasaasa 250 fudhachuun gara gooticha waraana Bilisummaa Oromootti dabalameera.

Miseensonni Waraana bilxginnaa waraana bilisummaa Oromootti harka kennatan kun, gocha hammeenyaa fi dararrii hamaa uummata Oromoo irratti raawwataniif uummata Oromoo dhiifama gaafachuun, hanga qabsoon bilisummaa Oromoo galii isaa ga’utti lubbuu isaanii osoo hin qusatin qabsicha geggeessuuf waadaa seenanii jiru.

Exit mobile version