Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaatti hidhaa fi saamichi jiraattota irratti raawwatu cimee itti fufe

ONM-ABO Adoolessa 25, 2024

Imphaayera  bututaa Itiyoophiyaa suphuuf halkanii fi guyyaa kan dhama’an murnoonni bilxiginnaa Koloneel Abiy Ahimediin durfaman addatti guutuu Oromiyaa keessatti hawaasa nagaa ragaa qabatamaa tokko malee sababoota garaa garaa itti maxxansuun hidhuu, saamuu, ajjeesuu fi qabeenyaa barbadeessuu irratti xiyyeeffachuun bobba’anii jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa magaalaa Horroo Halaltuutti Waxabajjii 26, 2024 dargaggootni maqaan isaanii:

  1. Iddoosaa Fayisaa,
  2. Buusaa Warquu,
  3. Haaruun Abduu,
  4. Lammeessaa Warquu fi
  5. Fayinee Gammachuu jedhaman badii tokko malee yeroo dheeraaf onichatti hidhamanii dararamaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

Adoolessa 20, 2024 ergamtootni bilxiginnaa uummata walga’ii waamuun maqaa “deggarsa paartii badhaadhinaaf” jedhuun qarshii dhibba tokko tokko irraa funaanuun naga’ee kan qarshii 12 qofa kutaniifii qarshii 88 kan hafe ammoo dantaa dhuunfaa isaaniif oolfachaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa himan.

Kantiibaa magaalichaa kan ta’e Malkaamuu Giddisaa kan jedhamu hirmaattota walga’ichaa gaaffii mirgaa gaafatanii fi yaada isaanii ibsatan sababa isaan dhugaa jirtu haasa’an qofaaf yeroo ammaa milishoota itti bobbaasuun hiisisaa fi doorsisaa jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version