Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaatti hidhaan hawaasa nagaa irratti raawwatamu cimee itti fufe

ONM-ABO Hagayya 29, 2024

Saba Oromoo cunqursuun akka waan Itiyoophiyaan nagaa argattuutti kan amanan murnoonni bilxiginnaa golee Oromiyaa cufatti waraana bobbaasuun, hawaasa nagaa maqaa garaa garaa itti maxxansuun badii tokko malee yakkanii hidhaatti darbachuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaatti waraanni faashistii PP jiraattota humnaa ol hidhaatti guuraa jiraachuun ifoomee jira.

Aanaa Guutoo Giddaa ganda “Gaarii” jedhamu irraa Hagayya 25, 2024 namootni maqaan isaanii :

  1. Shibbiruu Xilahuun,
  2. Asheetuu Maammoo,
  3. Maariyaam kan jedhamanii fi kanneen biroo hedduu ta’an waraana sirnichaan ukkaamfamuun waajjira poolisii bulchiinsa magaalaa Naqamtee ganda 07’tti hidhamanii dararamaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Dabalataanis, aanuma kana bulchiinsa magaalaa Ukkee irraa Hagayya 26, 2024 nama maqaan isaa “Giddiisaa Tarreessaa” jedhamu waraanni sirnichaa mana jireenyaa isaatii qabuun wajjira poolisii magaalaa Ukkeetti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun himaniiru.

Giddisaan hirmaannaa siyaasa kam keessaa kan hin qabnee fi maqaa “obboleessa keetu miseensa WBO’ti” jedhuun irra deddeebiin hidhamee dararamaa kan ture ta’uunis ibsameera.

Exit mobile version