Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaatti jiraattota hidhaatti guuruun cimee itti fufee jiraachuun himame

ONM-ABO Hagayya 8, 2024

Saboota Kan biroo irraa addatti sabni Oromoo sababa ‘Oromummaa’ isaa qofaaf Imphaayera Itiyoophiyaa keessatti bara dhufaa darbaa qe’ee abbaa isaa irratti ‘roorrifamaa’ jiraachuun isaa ni beekama.

Haaluma kanaan, Godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaatti maqaa ‘hidhata WBO qabda’ akkasumas ‘Ilmaan keetu bosona jira’ jedhuun hidhaan hawaasa nagaa irratti raawwatu jabaatee jira.

Hagayya 6, 2024 magaalaa Horroo Halaltuu irraa namoonni maqaan isaanii:

  1. Gemeshaa Qaqqabaa,
  2. Golbee Taayyee,
  3. Fayisaa Ayyaanaa ,
  4. Qixxeessaa Fayisaa fi 
  5. Shimee kan jedhamu ogeessa fayyaa beeyiladaa magaalichaa kan ta’e badii tokko malee waajjira poolisii onichaatti hidhamanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf himaniiru.

Murni bilxiginnaa miira abdii kutannaatiin hawaasa nagaa dararuuf golee Oromiyaa mara keessatti ergamtoota isaaf amanamoo ta’an bobbaasuun guyyuu hammeenya daangaa hin qabne irratti raawwachiisaa jira.

Exit mobile version