ONM-ABO Adoolessa 8, 2025
Aanaa Guutoo Giddaa ganda Fayisaa jedhamu irraa loltoonni Bilxiginnaa maqaa sakatta’insa Waraana Bilisummaa Oromoon bobba’uun hawaasa dararuu aadeffatan, guyyaa har’aa Adoolessa 7, 2025 naannoo sa’atii 9:00’tti dargaggoota maqaan isaanii:
- Kuusaa Misgaanaa fi
- Koorsaa Dhugaasaa
kanneen jedhaman garmalee reebuun osoo reebanii daawwitii bilbila harka isaa irraa cabsuu fi Koorsaa afaan dhahanii yoo dhiigsan, bakka Soolee jedhamu irraa immoo gabaa irratti dhukaasa banuun uummata addaan facaasuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Yerooma sanatti dargaggoo maqaan isaa Maatiwoos Hambisaa jedhamu immoo badii tokko malee osoo inni gabaa irraa galuu, “Waraana Bilisummaa Oromoof odeessa hordofta” jechuun qabanii hidhaatti darbachuun dararaa jiraachuu fi guyyaa guyyaan dararaa ulfaataan hawaasa aanichaa irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.
Xiqqaa fi guddaa osoo hin jenne loltoonni Bilxiginnaa maqaa adda addaa hawaasatti maxxansuun yakkanii hiraarsaa ulfaataa geessisaa kan jiran yoo ta’u, sababa lukkeelee kanneeniif hawaasni akka itti ba’ee galu dhabaa jira.

