Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaatti reebichaa fi hidhaan jaleewwan Bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Adoolessa 11, 2025 

Aanaa Guutoo Giddaa ganda Eebbaa bakka addaa Boorrataa jedhamu irraa loltoonni impaayerattii Adoolessa 7, 2025 dargaggoota maqaan isaanii: 

  1. Jireenyaa Gammadaa fi 
  2. Gammachuu Tashoomaa 

jedhaman osoo isaan biqiltuu bunaa bitatanii galaa jiranii reebicha hamaa irratti raawwachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Aanaadhuma kana, ganda Qajeelaa bakka addaa Dabbasee 3’ffaa jedhamu irraa guyyaadhuma kana Adoolessa 7, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Asteer Eebbisaa,
  2. Maabiraatee Qarsoo,
  3. Eebbisaa Abdataa,
  4. Leensaa Shoobbaa,
  5. Addunyaa Eebbisaa fi
  6. Miidhagsaa Shoobbaa 

jedhaman ukkaamsuun “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jechuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa itti dabaluun ibsanii jiru.

Jaleewwan Bilxiginnaa haalli bulchiinsa Abiy Ahimed burkutaa’uu jala geenyaan, impaayerattii kufaatii siyaas-dinagdee jalaa baraaruuf jecha ilmaan Oromoo dhiitanii bulchuuf maqaa adda addaa itti maxxansuun hiraarsaa ulfaataa raawwatan hammeessanii jiru. 

Exit mobile version