Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaatti loltoonni impjaayera Itiyoophiyaa hawaasa nagaa hidhuu itti fufan

ONM-ABO Hagayya 12, 2024 

Ergamtoonni sirnichaa addatti uummata Oromoo dararuuf godinaalee Oromiyaa adda addaa irratti ajaja Koloneel Abiy Ahimediin bobbaafaman dararaa hamaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru.

Haaluma kanaan, ergamtootni bilxiginnaa fi loltoonni sirnichaa waliin ta’uun jiraattota godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa hidhuu fi saamuu cimsanii itti fufuun himamee jira.

Loltoonni imphaayerattii ganda Eebbaa jedhamu irraa Hagayya 9, 2024 dargaggoota maqaan isaanii Obsaa Fiqaaduu fi Abdataa Addisuu jedhaman badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbachuu isaanii namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.

Kana malees, aanuma kana ganda Qajeelaa bakka addaa Goosuu jedhamu irraa dargaggoo maqaan isaa Gaaddisaa Ittafaa jedhamu ukkaamsuun qabanii waajjira poolisii aanichaatti garmalee dararaa jiraachuu namoonni kun itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.

Exit mobile version