ONM-ABO Onkoloolessa 10, 2024
Murni garboomfataan PP guutuu Oromiyaa baadiyyaa fi magaalaa osoo hin jenne loltoota isaa naamusa waraanummaa hin qabne kumaatamaan bobbaasuun, kan dur barameen olitti hawaasa nagaa hidhuu, saamuu, ajjeesuu fi mana irratti gubuun qe’eef qabeenyaa irraa buqqisuu hammeessanii jiru.
Haaluma kanaan godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaatti hawaasa nagaa hidhaatti guuruun akka malee jabaatee jiraachuu maddeen eeran.
Aanaa Guutoo Giddaa ganda Gaarii jedhamu irraa Wiixata darbe Onkoloolessa 7, 2024 namoota maqaan isaanii:
- Gammadaa Mulaatuu,
- Girmaa Tasfaa,
- Gammachuu Fiqaaduu fi
- Guutaa Tafarraa jedhaman badii tokko malee halkaniin loltoonni sirnichaa mana jireenyaa isaanii deemanii ukkaamsuun, waajjira poolisii bulchiinsa magaalaa Naqamtee aanaa 2’ffaa ganda 07’tti hidhanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Maddeen itti dabaluun, namoonni kunneen namoota nagaa hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu hin qabne ta’uu ibsuun, sababa sobaa maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun kan hidhaman ta’uu dubbataniiru.

