Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha  Wallaggaa Aanaa Diggaatti lukkeeleen Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti reebicha yoo raawwatan, Aanaa Guutoo Giddaatti ammoo hidhaatti guuruu jabeessan

ONM-ABO Sadaasa 3, 2024 

Gareen faashistii Bilxiginnaa irra keessaan gogaa hoolaa uffatee keessoon immoo yeeyyii ta’uun afaaniin nadhii roobsaa faallaa isaa summii baatee ilmaan Oromoo hunda irratti lukkeelee isaa akkuma arge bobbaasuun miidhaa hangana hin jedhamne irraan geessisaa jira.

Aanaa Diggaa ganda Odaa Dhidheessaa jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa sababa tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf namoota maqaan isaanii:

  1. Tarrafee Gammachuu,
  2. Taammiruu Abdiisaa,
  3. Biqiltuu Taammiruu,
  4. Dinqee Mitikkuu fi kanneen biroo hedduu “milishaa hin nyaachisnu jettanii maaliif walga’ii irratti yaada laattan” jechuun yakkanii Onkoloolessa 31, 2024  reebicha ulfaataa ta’e irraan ga’anii jiraachuu namoonni itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.

Akka aanichaatti yakkoonni gara jabinaa tilmaama hin qabne uummata irratti raawwachaa kan jiru yoo ta’u, jiraattonni hedduun dirqamaan lukkeelee Bilxiginnaa nyaachisaa kan jiranii fi humnaan qabamuun gara leenjii milishummaatti guuramaa jiraachuunis ibsameera.

Godinuma kana aanaa Guutoo Giddaatti ammoo jiraattota hidhaatti guuruun cimee itti fufee kan jiru yoo ta’u, ganda Eebbaa jedhamu irraa Onkoloolessa 28 fi 31, 2024 jiraattota maqaan isaanii Jootee Takilee fi Aadde Buzunash Qixxaataa jedhaman loltoonni sirnichaa badii tokko malee qe’ee isaanii irraa qabuun  hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Exit mobile version