ONM-ABO Hagayya 11, 2023
Ilaalcha boodatti hafaa fayyadamuun hidhaa akka meeshaa waraanaatti kan fayyadamu murni bilxiginnaa, Oromiyaa golee mara keessatti namoota nagaa maqaa garaagaraa itti maxxansuun jumlaan hidhuu fi ajjeessuun hawaasa ba’aaf gala dhorkaa jiru.
Namoota nagaa siyaasa irraa bilisa ta’an hidhuun dararaa kan jiru murni bilxiginnaa lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu gandoota akka 01,02 ,03,fi 04 keessatti kan hammeesse yoo ta’u namoonni gandoota armaan olii keessaa hidhaman kunneenis Baacaa Kabbadee, Biqilaa Bal’inaa, Abbabee Dhufeeraa, Roobel Qannoo, Galaasaa Tuujubaa, Eebbisaa Taaddasee, Maatiwos Taammiruu, Addaamuu Abaatee, Tolinaa Wayyeessaa,Yaaqob Yisiyaaq, Yohaannis Dhibbisaa, Baqqaanyiib Qixxeessaa fi Buusee Abbaa Gurraa kanneen jedhaman ammaaf kan maqaa arganne yoo ta’u namoonni shantamaa ol ta’an illee kan maqaan isaanii nu hin qaqqabin mana hidhaa aanichaatti dararamaa jirus jedhaniiru.
Aanicha keessatti manni hidhaa guutuu irraan kan ka’e mana hidhaa namoota dhuunfaa irraa kireessaa akka jiran maddeen kun ibsuun namoota hedduus ajjeessanii reeffa illee maatiin akka hin awwaalanne dhorkuun aanicha keessatti waan baratameedhas jedhaniiru.
Kana malees, sa’a kana eessaa deemta? waraqaa eenyummaa qabdaa? ati deggaraa Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun gaaffii garaagaraa namoota irratti dhiheessuun reebicha ulfaataa nama nagaa lafa hojii isaa oolee galu irratti raawwachaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

