ONM-ABO Amajjii 17, 2024
Murni bilxiginnaa yakka duguuggaa sanyii Oromoo irratti jabeessuun guutuu Oromiyaatti ajjeechaa labsee jiraattota hojii dhuunfaa isaanii hojjechuun jiraataan lubbuu dabarsaa Kan jiru godina lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa fi Mana Sibuu keessatti namootni nagaan lama ajjeefamuun himame
Akkuma kanaanis Amajjii 15, 2024 aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Daandii Guudii magaalaa Kolfee jedhamu keessaa waraanni maafi’aa PP dargaggoo maqaan isaa Nigaatuu Araddaa jedhamu galgala irraa qabuun gara magaalaa Qilxuu Kaarraa geessanii halkan guutuu dararaa irratti raawwachuun Kibxata Kaleessaa ganama gara ganda Guyyoo Saccii jedhamutti geessuun akka ajjeesan jiraattotni himan.
Oduma ajjeechaan kan wal qabatu ona Mana Sibuu ganda Laaftoo Salgaa bakka addaa Lubaa jedhamuun beekamutti Amajjii 12, 2024 dargaggoo Basha’aa Yoonaas jedhamu rasaasa itti roobsuun badii tokko malee akka ajjeesan jiraattotni Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

