Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu fi Qilxuu Kaarraa keessatti waraanni faashistii PP namoota nagaa 3 ajjeesuun beekame

ONM-ABO Guraandhala 7, 2024

Waraanni gabroomfataa PP ilmaan Oromoo irratti sanyii duguuggaa raawwachaa kan jiru yeroo ammaa bakkeewwan socho’an maratti ol adeemtota irratti meeshaa dhukaasuun lubbuu lammiilee nagaa akka baalaatti harcaasuu irratti argamu

Bifuma kanaanis Amajjii 6, 2024 godina lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Oborraa Qilxuu bakka addaa Goobanii jedhamutti bulchiinsa magaalaa Mandii irraa maqaa sakatta’insa WBO jedhuun ba’uun barattoota kutaa 8ffaa Kan ta’aan dargaggoota lama maqaan isaanii Lataa Naggasaa fi Toomaas Taarikuu jedhaman ganama irraa naannoo sa’a 1:00tti rasaasaan waaduun ajjeesanii deemuun barameera

Oduma ajjeechaan wal qabateenis kibxata kaleessaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Waandii Daallee jedhamu keessatti adu-dhiha galgalaa naannoo sa’a 1:00tti barataa Daggafuu Fiqaaduu Biddiiqaa jedhamu waraanni faashistii PP aanaa Qilxuu Kaarraa irraa garasitti socho’uun badii tokko malee maatii isaa biratti rasaasaa itti roobsanii ajjeesanii deemuu jiraattotni ONMtti himaniiru

Exit mobile version