Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa fi Baabboo Gambeel keessatti dargaggoo tokkoo fi manguddoo tokko hidhattootni sirnichaa ajjeesan

ONM-ABO Guraandhala 9, 2024

Duguuggaa sanyii geggeessaa kan jiru murni bilxiginnaa yeroo ammaa namoota nagaa qabee yakka tokko malee rasaasaan waadee ajjeesuu irratti argama.

Amajjii 7, 2024 godina lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa bulchinsa magaalaa Qilxuu Kaarraa irraa waraanni gabroomfataa PP sochii taasisuun aanaa Mana Sibuu ganda Laafto Salgaa jedhamuuti dargaggoo maqaan isaa Boonaa Kifiluu Hirqituu jedhamu qabuun gara aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Guyyoo Saccii jedhamutti geessuun rasaasaa itti roobsanii akka ajjeesan jiraattotni ONMtti himaniiru.

Akka jiraattotni jedhanitti sochiin waraanni maafi’aa PP onicha keessatti taasisaa jiru jabaatee namoota qabeenyaa saamuu, hidhuu fi ajjeesuun cinatti namoota hedduu irratti reebicha taasisaa jiraniin sarbaminsi mirgoota namoomaa ta’aa jiruun namootni hedduun qaama hir’uu ta’aanii hiraarfamaa akka jiran dabaluun himaniiru.

Godinichuma aanaa Baabboo Gambeel Guraandhala 8,2024 Waraanni faashistii PP ganda Kutaallaa Kussii jedhamu keessaa jiraataa obbo Imaanee Nagawoo dheengaddaa Guraandhala 7,2024 ganda Anbaalloo bakka addaa Oomee jedhamuu lafa qonnaa isaatii qabuun dararaa erga turaniin booda guyyaa kaleessaa ajjeesan.

Obbo Imaaneen hojjetaa wangeelaa ta’uun ala badii tokko illee akka hin qabne kan nuuf himan jiraattotni, waraana maafi’aa PPn ganda Anbaalloo keessatti rasaasaan rukutuun ajjeesaniiru.

Aanuma kana keessattis hidhaa fi saamichi hamaan waraana Abiy Ahimediin raawwatus jabaa ta’u dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version