ONM-ABO Hagayya 7, 2025
Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Lataa Saccii keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa Hagayya 3, 2025 nama maqaan isaa Abrahaam Tolasaa Kitilaa jedhamu jalaa badii tokko malee qarshii 47,000 saamuun reebicha humnaan olii irratti raawwatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Haaluma wal-fakkaatuun guyyaadhuma kana gandichuma keessaa nama maqaan isaa Guddataa Tuujubaa Jigii jedhamu ammoo maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun reebicha ulfaataa qaama laalessu irratti raawwachuun yeroo ammaa kana haalli fayyummaa isaa sadarkaa yaaddessaa irra kan jiru ta’uu eeramee jira.
Kana malees godinuma kana aanaa Mana Sibuu ganda Waankii bakka addaa Gabaa Facaaseetti ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen guyyaa gabaa daandii gubbaa riphanii eeggachuun hawaasa gabaadhaa galu irratti gochoota suukkanneessoo garaa garaa raawwachaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

