ONM-ABO Ebla 17, 2024
Ajjeechaan Oromiyaa keessatti ta’aa jiru jabaatee itti fufuun godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Buundii Daalllee jedhamutti waraanni faashistii PP Ebla 15, 2024 sochii gochuun namoota lama madeessee, tokko ajjeesuun beekame.
Namoonni madaa’an dargaggoo Duulaa Shaafee Ejersoo fi Taarikuu Mangashaa kan jedhaman yoo ta’u, Abirahaam Galataa kan jedhamu ammoo ajjeesuun himameera.
Onuma Qilxuu Kaarraa ganda Buukee Akkachee fi Waandii Daallee keessatti saamicha raawwachuun ganda Waandii Daallee bakka addaa Tullu-Waandii jedhamutti mana obbo Qixxaataa seenuun meeshaalee mana keessaa, kan afooshaa fi manneen amantaa achi jiru fudhataniiru.
Obbo Waaqkennee Dassa’aa jalaa ammoo qorqorroo mana ijaaruuf bitatanii fi madaala bunaa fudhachuun yoo himamu, obbo Tarfaasaa Dassa’aa kan jedhamu ammoo qabanii deemuun beekameera.
Dabalataanis aanaa Najjoo ganda Abboonnoo Diillaa bakka addaa Walloo jedhamutti Darajjee Hordofaa kan jedhamu miliishaan sirna bilxiginnaa butuun gara ganda Jaaboo jedhamuutti geessee ajjeesuun himame.
Lixuma Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu bulchiinsa magaalaa Goorii ganda 02 keessattis dargaggoo maqaan isaa Maarqos Sanbataa jedhamu Ebla 16, 2024 gara laafina tokko malee waraanni faashistii PP rasaasaan waadee ajjeesuun beekameera.

