Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa fi Begii keessatti diina adabe

ONM-ABO Guraandhala 18, 2024

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii lixaa keessa socho’u har’a Guraandhala 18, 2024 tarkaanfii laalessaa humna weerartu diina irratti fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Jajjabeen WBO godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa keessatti tarkaanfii guggubduu fudhateen humna diinaa bulchinsa magaalaa Qilxuu Kaarraa irraa socho’uun hawaasa gooluuf bobbaate irratti bakka lama ganda Waandii Daallee fi Waatoo Daalleetti adabuu beeksiseera.

Ganda Waandii Daallee keessatti diina du’aa fi madoon yoo adabu, bulchinsa magaalaa Qilxuu Kaarraa cinatti kan argamu ganda Waatoo Daallee jedhamutti ammoo tarkaanfii humni ittisa hawaasa fudhateen 3f tokko guutummaan guutuutti boombii harkaa itti darbuun gubanii kan barbadeessan yoo ta’u, loltoota 6 battalatti ajjeesuun loltoota 10n madoon adabeera.

Abdii fi gaachanni uummata Oromoo WBOn godinichuma aanaa Begii ganda Gobbee jedhamtu keessatti diina du’aa fi madoon adabee jira.

Tarkaanfii gootichi Waraana bilisummaa Oromoo fudhatu hanga bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaatti itti fufa.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version