Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa keessatti namoonni jumlaan hidhamaa fi saamamaa akka jiran ONM’tti himan

ONM-ABO Ebla 19, 2024

Waraanni barcuma murna tokko hiddaan gadhaabuuf guyyuu Oromiyaatti bobbaafamee, ajjeechaa, hidhaa, saamichaa  fi dararrii geggeessuun beekamu, Ebla 15, 2024 maqaa sakatta’insa WBO’n ona Qilxuu Kaarraa irraa ba’uun gandoota hedduu keessatti miidhaa qaqqabsiisuun himame.

Bifuma kanaanis ganda Guyyoo Daallee, Waandii Daallee, Buukee Akkachee fi  Buundii Daallee jedhamu keessaa maqaa ilmaan keessantu miseensa WBO’tii fi hidhata WBO qabduun namoota gariin hidhuun kaan saamuu fi reebuun beekameera.

Ganda Buundii Daallee irraa obbo Fiqaaduu Qajeelaa jaarsa ganna 65 fi abbaa ilmaan 15 maqaa ilma keetu miseensa WBO’n Ebla 16, 2024 qabuun gara waajjira Poolisiitti akka geessan dhagaa’ameera.

Ganda Waandii Daallee irraa ammoo, obbo Qajeelaa Taaddasaa, obbo Taayyee Bal’inaa, obbo Malaakuu Ayyaanaa, obbo Taammanaa Kitilaa, obbo Yoonaas Barkeessaa, obbo Indaaluu Fufaa fi dargaggoo Amaduu Moosisaa kanneen jedhaman qabuun bulchiinsa magaalaa Qilxuu Kaarraa keessatti hidhuun barameera.

Namoonni ganda Guyyoo Daallee irraa qabamuun hidhaman ammoo maqaan isaanii Obbo Mulaatuu Bayyanaa abbaa ijoollee 10 fi Gammachuu Qixxeessaa kanneen jedhamaniidha.

Oduu saamichaan wal-qabatuun ammoo maqaa ilmi kee miseensa WBO’ti jedhuun jiraataa ganda Waandii Daallee kan ta’e obbo Indaargee Ittaanaa jalaa buna kuntaala 9 jalaa fe’achuun gara magaalaatti akka galan jiraattonni himaniiru.

Exit mobile version