ONM-ABO Bitootessa 17, 2025
Aanaa Sulula Finca’aa ganda Agamsa jedhamu keessaa Bitootessa 15, 2025 Kaffaaloo Fiqaaduu nama jedhamu osoo inni hojii dhuunfaa isaa hojjetachaa oolee gara manaatti galaa jiruu naannoo mooraa 4 jedhamee waamamutti ergamtoonni Bilxiginnaa konkolaataa poolisii federaalaa tokkoon daandii isaa irratti rukutanii battalumatti ajjeesanii bira darbuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, godinuma kana aanaa Jimmaa Gannatii ganda Kalaala Didiimtuu jedhamu irraa Bitootessa 13, 2025 ganama keessaa sa’a 4:00’tti dargaggoota 7 badii tokko malee ukkaamsuun uffata waraanaa itti uwwisanii waajjira gandaa keessatti halkan guutuu reebicha ulfaataa irratti raawwachaa buluun, Bitootessa 14, 2025 ammoo osooma isaan du’aa fi jireenya gidduu jiranii gara waajjira poolisii magaalaa Haratoo geessanii hidhuu maddeen itti dabaluun eeran.
Maqaan dargaggoota kanneeniis:
- Mootummaa Abarraa,
- Eenyummaa Abarraa,
- Roobaa Abdannaa,
- Taammiruu Magarsaa,
- Ifaa Gulummaa,
- Yoordaanos Tashaalee fi
- Hundee Dassuu kanneen jedhaman ta’uun eeramee jira.
Tiksitoonni impaayera Itiyoophiyaa barcuma Abiy Ahimed tiksuuf bobba’an ilmaan Oromoo akka baala mukaatti rasaasaan harcaasaa kan isaan oolan hanqannaan, konkolaataa oofanii deemaniin illee daandii irratti osooma qaroon isaanii arguu rukutanii bira darbanis seerri isaan gaafatu akka hin jirre gochi isaan magaalaa Naqamtee fi Dambii Doollootti raawwatan ragaadha.

