ONM-ABO Bitootessa 23, 2025
Aanaa Daarimuu ganda Waabeekootti lukkeeleen Bilxiginnaa irra deddeebiin maqaa kaffaltii gosa garaa garaa nagahee hin qabneen hawaasa harka qalleeyyii irratti saamicha raawwachuu itti fufuun, wayita ammaa kanas maqaa ijaarsa waajjira gandaa jedhuun nama tokko irraa:
- gadi aanaa qarshii 1,000 fi
- olaanaa ammoo qarshii 3,000
dirqamaan guuraa jiraachuu jiraattonni gandichaa dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen aanichuma bakkeewwan addaa addaatti jiraattota dirqamaan gara leenjii waraanaatti guuraa kan jiran yoo ta’u, ganda Beenaa 3’ffaa irraa Bitootessa 20, 2025 qonnaan bultootaa fi dargaggoota baay’inaan 150 ta’an konkolaataa fe’umsaatti naquun mooraa leenjii geessanii leenjisaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Lola keessaa fi alaan geggeessaa jiruun kasaaraan dinagdee guddaan kan isa mudate Bilxiginnaan, sana irraa dandamachuuf jecha haala duraan barameen olitti goleewwan Oromiyaa cufatti ergamtoota isaa bobbaasuun saamicha daangaa darbeen qe’ee fi qabeenyaa ilmaan Oromoo golgoleessuu itti fufee jira.

