ONM-ABO Bitootessa 4, 2025
Lixa Wallaggaa aanaa Haaruu ganda Adaree Qakkii jedhamu irraa jaleewwan humna hawaasaatti akkuma argan taphachuun qaama isaanii olii gammachiisan, maqaa “ijaarsa waajjira gandaa” jedhuun dararaa hamaa raawwachaa jiraachuu maddeen ONM’tti himanii jiru.
Torban lamaan kana irraa eegaluun lukkeeleen Bilxiginnaa hawaasa humnaan qabanii cidii guursisuu, dhoqqee dhiichisuu, bishaan waraabsisuu, mana dhoobsisuu fi irraa fi jalaan muka ijaarsaaf ta’u mursiisuun garmalee hiraarsaa jiraachuun ibsameera.
Oduu biraatiin, godina Arsii Lixaa aanaa Shaallaa irraa ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa “deggersa paartii” jedhuun saamicha irratti bobba’anii jiraachuun ifoomeera.
Maqaa gosa kaffaltii adda addaa itti dhahuun maallaqa hanga jedhan hawaasa qaala’iinsa jireenyaan waadamaa jiru afaan qawwee itti garagalfachuun saamanii dinagdee dhuunfaa isaanii kan fooyyeffatan ergamtoonni sirnichaa, ganda Shawakkoo Arsii jedhamu irraa torban darbe irraa eegaluun gatii “deggersa paartii badhaadhinaan” qarshii 500 humnaan guuraa kan jiran ta’uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsanii jiru.
Kana malees, lukkeeleen impaayerattii addatti dinagdee qonnaan bulaa Oromoo quucarsuuf tattaafataa kan oolan, hawaasni gandicha keessa jiraatu akka gareetti boqqolloo ardaba 7 akka geessuuf dirqisiisuu fi akkuma aanichaatti saamichi jiraattota irratti raawwatu hammaatee jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

