Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Ganjii irraa maqaa adda addaan saamichi jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Amajjii 22, 2025 

Duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti sababa tokko malee geggeessaa kan jiru waraanni Bilxiginnaa dinagdee uummata Oromoo quucarsuufis sababoota garaa garaa itti tarreessuun saamicha haala duraan barameen olitti cimsanii itti fufanii jiru. 

Lixa Wallaggaa aanaa Ganjii ganda Ganjii Baadiyyaa jedhamu keessatti waraanni Bilxiginnaa Amajjii 17, 2025 irraa eegaluun jiraattota irraa maqaa “nyaata milishaa fi ijaarsa waajjira gandaa” jedhu wabeeffachuun nama tokko irraa dirqamaan buna kiilogiraama 10 fi boqqolloo kiilogiraama 6 saamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru. 

Kana malees, aanaadhuma kana keessaa lukkeeleen garaa isaanii qofa guuttachuuf carraaqan baadiyyaa irraa namoota gara magaalaatti jimaa gurguruuf geeffatan Amajjii 17, 2025 irraa eegaluun afaan qawwee itti qabuun dirqamaan qarshii 250-300 guuraa jiraachuu dabalataan ibsaniiru. 

Lukkeeleen Bilxiginnaa waanuma isaanitti fakkaate dalagaa oolan saamicha bifa haarawaan jiraattota gandichaa irratti eegalan jabeessuun Amajjii 18, 2025  irraa eegaluun konkolaachistoota doqdoqqee irraa maqaa “inshuraansii fayyaa” jedhuun qarshii 1,700 saamaa jiraachuun barameera.

Exit mobile version