ONM-ABO Sadaasa 18, 2023
Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii lama kan sabaan Oromoo ta’an sirna abaaramaa waraana isaa uummata Oromootti bobbaasee ajjeesisaa jiru ganuun qawwee fi hidhannoo waliin WBOtti makamanii jiru.
Dheengadda Sadaasa 16, 2023 godina Lixa Wallaggaa aanaa Ganjii mooraa waraana faashistii PP irraa ba’uun har’a Sadaasa 18 aanaa Laaloo Asaabiitti gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo bira kan ga’an bilxiginnootni durii kun, sirnichi qe’ee abbaa isaanii irraa humnaan qabuun gara leenjii akka deemanii fi miseensotni isaa waliin turan hedduun lola Abiy Ahimediin aangoo irra tursuuf taasifamu irratti du’uu fi madaa’uu himan.
Sirna faashistii kana jalaas qawwee AKM Turkii 1, dachaatuu 1, boombii 4, rasaasa 260 fi hidhannoo fuuchuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisanii jiru.
Kana malees simannaa hoo’aa WBOn taasiseefitti kan gammadan ilmaan Oromoo miseensa waraana bilxiginnaa turan kun, gocha badii sirnichi uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru keessatti hirmaachuu isaaniif hawaasa Oromoo dhiifama gaafataniiru.
Ormaaf duuluu fi aangoo nama tokkoof loluun nu ga’a kan jedhan, ilmaan Oromoo sabboonummaan itti dhagaa’ame kun, Oromoota meeshaa diinaa baatanii aarsaa hin malle kafaluuf deemaa jiraniin, daandiin keessan sirrii mitii qawwee fi hidhannoo keessan waliin kottaa wabii sabaa WBOtti makamaa jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

