ONM-ABO Ebla 24, 2023 Caasaan murna faashistii PP diigamuu itti fufuun miseensotni waraana isaa qawwee fi hidhannoo waliin WBOtti harka kennachaa jiru.
Haaluma kanaanis godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii irraa dheengadda Ebla 22, 2023 miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko qawwee fi hidhannoo guutuu waliin gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatee jira.
Miseensi waraana bilxiginnaa kun loltummaan sirnicha tajaajilaa turuutti gaabbuun, bilxiginnaa waliin hiriiruu isaatiifis uummata Oromoo dhiifama kan gaafate yoo ta’u, itti dabaluunis ilmaan Oromoo sirna Pp Oromummaa balleessuuf dhama’aa jiru cina hiriiranii qawwee baachaa jiraniifis gara qabsoo saba isaaniitti fuula deeffachuun mooraa diinaatii ba’anii gara mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti Akka makamaniif dhaamsa Isaa dabarfateera.

