Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 8 godina Baha Wallaggaa, Lixa Shaggar fi Lixa Wallaggaa keessatti WBOtti makaman 

ONM-ABO Adoolessa 19, 2023

Sirna biltsigginnaa dhaabbiitti jige hin hutubnu  jechuun miseensonni waraana bilxiginnaa sirnicha balfuun guyyaa gara guyyaatti gooticha waraana bilisummaa Oromootti makamaa jiru.

Godina baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu fi Saasiggaa irraa miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 3 Wiixata Adoolessa 17, 2023 qawwee fi hidhannoo guutuun WBOtti yoo makaman Lixa Shaggar aanaa Jibaat irraas ilmaan Oromoo miseensota waraana bilxiginnaa ta’an 2 qawwee fi hidhannoo guutuu waliin WBOtti makamaniiru.

Adoolessa 16, 2023 miseensi raayyaa ittisa impaayerattii 3 godina Lixa Wallagga l mooraa magaalaa Najjoo, Mana Sibuu fi Qondaala irraa nagaan WBO bira gaa’ani jiru.

Gama meeshaatiin qawwee turkii 2, dachaatuu 1, hidhannoo 3, rasaasa 587 fi boombii 3 qabatanii murna bilxiginnaa ganuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisanii jiraachuu gabaasni qondaaltota WBO irraa nu qaqqabe ni addeessa.

Exit mobile version