Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Lixaa Aanaa Shaallaa keessaa ergamtoonni bilxiginnaa maqaa adda addaan saamicha raawwachuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Muddee 21, 2024 

Lukkeeleen bilxiginnaa ilmaan Oromoo  afaaniin kukkuulanii akka waan Oromoof hojjechaa jiranitti of fakkeessuun faallaa isaa immoo sababa hin beekamneen yakkuun diinummaa fi jibbiinsa qaban ifatti mul’isuun dararaa ulfaataa dhalli namaa mitii bineensiyyuu argee hin beekne geessisaa jiru.

Aanaa Shaallaa ganda Shaakkoo Arsii jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa adda addaan saamicha raawwachuu cimsanii itti fufuun, maqaa Inshuraansii fayyaan qarshii 2,200-2,400 dirqamaan hawaasa waan nyaatee bulu hin qabne irraa torbee kana keessa saamaa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Kana malees, maqaa adda addaa itti dhahuun uummata irraa qarshii hedduu saamaa kan oolan lukkeeleen bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf ganduma kana keessaa garee tokkotti hawaasa hunda irraa midhaan ardaba 7 funaanaa jiraachuun ifoomeera.

Saamicha ulfaataa raawwachaa kan jiran ergamtootni Bilxiginnaa kun maqaa “waajjira gandaa ijaarra” jedhuun qarshii 2,000-2,000 dirqamaan guuraa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Exit mobile version