ONM-ABO Amajjii 6, 2025
Lukkeeleen Bilxiginnaa ilmaan Oromoo karaa isaaniif danda’ame maraan dinagdeen quucarsaa gama kaaniin ammoo hidhaatii hanga ajjeechaatti gochaa suukkaneessaa raawwachuu cimsanii itti fufuun, godina Baha Harargee aanaa Baddannootti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa irraa maqaa adda addaan saamicha raawwataa jiraachuun ibsameera.
Araddaa Jaajaa Furdaa jedhamu irraa Amajjii 4, 2025 loltoonni nama nyaataan impaayerattii torban darbe irraa eegaluun maqaa gosa kaffaltii adda addaa itti dhahuun hawaasa ofiifuu waan nyaatee bulu hin qabne yeroo yeroon saamaa kan turan ammas dinagdee hawaasaa dadhabsisuu ittuma fufuun maqaa “maallaqa nageenyaa” jedhuun dirqamsiisanii qarshii 2,000-2,000 irraa guuraa jiraachuu jiraattonni akka kaffalaniif dirqisiifamaa jiran Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Kana malees, ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti dararaa raawwachuu jabeessanii kan itti fufan yoo ta’u, gatii gibiraa humnaan olii irratti muruun namoonni duraan qarshii 200 kaffalan yeroo ammaa kana hanga qarshii 4,000’tti kaffalaa kan jiranii fi kaffaltii gosa adda addaa waliin isaa hin beekamnee fi naga’ee hin qabneen saamamaa jiraachuun isaanii itti dabaluun ibsameera.

