Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Harargee Aanaa Baddannootti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa irraa midhaan saamaa jiraachuun himame

ONM-ABO Muddee 14, 2024 

Lukkeeleen Bilxiginnaa ilmaan Oromoo karaa isaaniif dandaa’ame maraan dinagdeen quucarsaa gama kaaniin ammoo hidhaa kaasee hanga ajjeechaatti gocha suukkaneessaa raawwachuu cimsanii itti fufuun, godina Baha Harargee aanaa Baddannootti hawaasa jalaa midhaan saamanii jiraachuun ibsameera.

Aanaa Baddannoo araddaa Gooroo Wadoo jedhamu keessaa Mudde 8, 2024 irraa eegaluun lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa adda addaa itti dhahuun hawaasa ofiifuu waan nyaatee bulu hin qabne midhaan kubbaayyaa 40-40 akka kennaniif dirqamsiisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Kana malees, ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti dararaa raawwachuu jabeessanii itti fufuun, gatii gibiraa humnaan olii irratti muruun namni duraan qarshii 200 kaffalu yeroo ammaa kana hanga qarshii 4,000’tti kaffalaa jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version