ONM-ABO Gurraandhala 15, 2025
Lukkeeleen Bilxiginnaa ilmaan Oromoo karaa isaaniif danda’ame maraan dinagdeen quucarsaa gama kaaniin ammoo hidhaa hanga ajjeechaatti gochaa suukkaneessaa raawwachuu cimsanii itti fufuun, godina Baha Harargee aanaa Baddannootti hawaasa irratti maqaa adda addaan saamicha raawwataa jiraachuun ibsameera.
Haaluma kanaan, Gurraandhala 13, 2025 araddaa Gooroo Wadoo jedhamu irraa loltoonni impaayerattii maqaa gosa kaffaltii adda addaa itti dhahuun hawaasa ofiifuu waan nyaatee bulu hin qabne irraa maqaa “kaffaltii bishaan dhugaatii” jedhuun dirqamsiisanii qarshii 1,000 irraa guuraa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Kana malees, araddaadhuma kana keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti dararaa raawwachuu jabeessanii itti fufuun, gatii gibiraa humnaan olii ji’a 4 dura hawaasa irratti muran namoota duraan qarshii 5,000 kaffalan yeroo ammaa kana nagahee qarshii 3,000’n kutuun warra kana dura qarshii 3,700 kaffalan immoo qarshii 2,000’n nagahee barreessaafii kan jiran ta’uu fi isa sanarraa hafe immoo bu’aa dhuunfaa isaaniif oolfachaa jiraachuu qotee bulaan araddichaa akka maqaan isaa hin eeramne barbaadu tokko ONM’f yaada isaa qoodee jira.

