Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa ijaarsa manneen kaabinootaa jedhuun akka malee jiraattota saamaa jiraachuun himame

ONM-ABO Bitootessa 14, 2025 

Aanaa Saqqaa Coqorsaa gandoota akka: 

kaabinoota Bilxiginnaa caasaa haaraa ijaaruuf gara gandoota kanneeniitti ramadamuun bobbaa’aniif manneen jireenyaa ijaarra jechuun ergamtoonni sirnichaa qe’ee hawaasaatti bobba’uun afaan qawween doorsisanii namoota harka qalleeyyii ta’an irraa gadi aanaan qarshii 2,000 fi kanneen jireenya fooyya’aa jiraatan irraa ammoo hanga qarshii 20,000’tti dirqamaan guuraa jiraachuu jiraattonni dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Armaan duras, gandoota kanneen keessatti maqaa ijaarsa waajjira gandaa jedhuunis qarshii fi meeshaalee garaa garaa ijaarsaaf oolan dirqamaan hawaasa irraa guuraa kan turan ta’uunis eeramee jira.

Ergamtoonni bututaa sirna alagaa jiguuf raafama hamaa keessa jiru suphuuf of dhamaasan kufaatii dinagdee impaayerattii mudate sababeeffachuun yeroo addaa addaatti gosoota kaffaltii hedduu nagahee hin qabneen uummata Oromoo irratti saamicha daangaa darbe raawwachaa jiru.

Exit mobile version