Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota hiraarsuu hammeessan

ONM-ABO Ebla 7, 2025 

Godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaa gandoota akka: Ushaanee Qoocee, Meexxii Abbayyii fi Gibee Boosoo keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa wayita ammaa kana maqaa “misooma oomisha baala Shaayii” jedhuun jiraattota hojii idilee isaanii irraa ugguruun dirqamaan baasanii hojjechiisaa jiraachuu jiraattonni dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka jiraattonni himanitti, armaan duras biqiltuun baala Shaayii kun kan keessatti biqilu pilaastikii irraa kan hojjetamu pooliitti dirqamaan hawaasa baasuun biyyee itti guuchisiisaa kan turan yoo ta’u, wayita ammaa kanas pooliin qophaa’e gahaa miti jechuun gandoota kanneenitti irra deebiidhaan poolii kuma dhibba lama lama (200,000) raabsuun hawaasni biyyee akka itti guutuuf hojii idilee isaanii irraa dhorkuun rakkisaa jiraachuu fi kanneen haala mijataa dhabanii misooma kana ba’uu dhiisan ammoo hidhatti darbachaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Lukkeeleen Bilxiginnaa ilmaan Oromoo hunda afaaniin sobaa; faallaa isaa ammoo sababa ga’aa malee yakkuun diinummaa fi jibbiinsa qaban ifatti mul’isuun dararaa ulfaataa irraan gahaa jiru.

Exit mobile version