Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaa keessatti lukkeeleen bilxiginnaa jiraattota irraa dirqamaan gibira guuraa jiraachuun himame

ONM-ABO Hagayya 5, 2024

Uummata Oromoo dinagdeen cabsuuf garmalee kan dhama’an murnoonni bilxiginnaa yeroo ammaa kan durii caalaa Oromiyaa bakkoota adda addaa keessatti maqaa kaffaltii gibiraa da’oo godhachuun hawaasa dararaa jiraachuun beekamee jira.

Haaluma kanaan, godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaa gandoota cufa keessatti murnoonni bilxiginnaa dirqamaan jiraattota irraa gibira guuraa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Kanumaan walqabatee, yeroo ammaa kana mana jiraattotaa irra deemuun nama tokko irraa qarshii kuma afur-afur funaanaa kan jiran yoo ta’u, namni kaffaluu hin dandeenye ammoo mana hidhaatti guuramuun garmalee dararamaa jiraachuu maddeen keenya eeran.

Bilxiginnaan dinagdeen isaanii humna waraanaa harkatti kan dhumu yoo ta’u qaawwaa sana cufachuuf jecha saamicha daangaa hin qabne hawaasa irratti raawwachaa akka jiran kan beekamuudha.

Exit mobile version