ONM-ABO Amajjii 5, 2025
Godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaa ganda Meexxii Abbayyii jedhamu keessatti ergamtoonni sirna nama nyaataa PP namoota hedduu torban lamaa oliif hojii guyyaa oomisha biqilootaaf kan oolu pilaastikiitti biyyee naqsiisaa yookaan Poolii kan jedhamu hojjechiisuun, wayita isaan xumuranii gatii dafqa isaanii gaafatan “waanti isiniif kaffalamu hin jiru; gargaarsa nuuf gootan” jechuun hojii isaan torbee lama guutuu hojjetan gatii dafqa isaanii dhowwatanii jiraachuu namootni miidhaan kun irra ga’e Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni himanitti, guyyaa tokkotti qarshiin isaaniif herregamu 200 ta’uu himuun, Pooliin yookaan pilastiikii biyyeen itti guutame kunis kan hojjetame baay’inni isaas 10,000 ol kan ta’ee fi biqiltuu baala shaayii jedhamu keessatti oomishuuf kan qophaa’e ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Namoota gatii dafqa isaanii dhaban keessaa muraasni:
- Rahimaa Gissaa,
- Aayishaa Gissaa,
- Nabiyaatee Kadir,
- Aayishaa Maammad Nuur,
- Maashuu Abbaa Biyyaa,
- Nasiriyyaa Abbaa Biyyaa,
- Diggittii Gaalii fi
kanneen biroo hedduu ta’uu maddeen itti dabaluun addeessaniiru.

