Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaatti jiraattota ukkaamsanii gara leenjii waraanaatti guuruun cimee itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 1, 2024 

Dhumni bara aangoo isaa bara kufaatii  Mangistuu Hayilemaariiyaam waliin kan wal fakkaatu koloneel Abiy Ahimed, loltoonni isaa bakka deeman maratti qawwee harcaasuu, harka kennachuu, uummata saamuu fi dirqamaan ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu hojii taasifatanii  jiru.

Aanaa Saqqaa Coqorsaa ganda Ushaanee Qoocee jedhamu irraa Onkoloolessa 29, 2024 ergamtoonni sirnichaa namoota hedduu leenjii waraanaatiif ukkaamsaa kan turan yoo ta’u, namoonni maqaan isaanii:

  1. Abdoo Sheekii,
  2. Jiruu Tamaam,
  3. Mistaawuddiin Jihaad,
  4. Haaruun Kadir fi
  5. Xaahir Abbaa Maccaa jedhaman kunneen guyyuma jedhame kana waraanni Bilxiginnaa isaan ukkaamsuuf wayita jedhu jalaa miliqanii hanga ammaatti bakki isaan bu’an kan hin beekamne ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, guyyaa namoonni kunneen miliqanii jalaa badanii kaasee hanga gabaasni kun qindaa’etti waraanni sirnichaa isaan qabachuuf jecha naannoo mana jireenyaa isaanii marsee maatii isaanii doorsisaa jiraachuu maddeen itti dabaluun himaniiru.

Exit mobile version