Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaatti ergamtoonni bilxiginnaa jiraattota saamuu fi ukkaamsanii gara leenjii waraanaatti guuruu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Onkoloolessa 24, 2024 

Murni faashistii Abiy Ahimediin durfamu bilxiginnaan impaayera gama maraan kufte suphuuf loltoota isaa impaayerattii tiksuuf fedhii fi haamilee tokkollee hin qabne bobbaasee jiraattota hidhuu, ajjeesuu, saamuu fi ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu jabeessee itti fufee jira.

Godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaatti ergamtoonni bilxiginnaa jiraattota saamuu fi ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu cimsanii itti fufanii jiraachuun barameera.

Aanaa Saqqaa Coqorsaa ganda Illikkee jedhamu keessatti saamichi ergamtoota murna bilxiginnaan cimee itti fufee kan jiru yoo ta’u, yeroo ammaa maqaa “deggersa milishaa” jedhuun abbootii warraa sagaltama gandicha keessa jiraatan hunda irraa waliigalaan qarshii 60,000 guuranii galii dhuunfaa isaaniif oolfatanii jiru.

Gocha kanas hawaasa ofiifuu waan nyaatee bulu hin qabnetti afaan qawwee itti qabuun doorsisanii irraa fuudhatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Gandichuma keessaa loltoonni sirnichaa namoota adamsuun gara leenjii waraanaatti guuraa jiraachuunis ibsameera.

Exit mobile version