ONM-ABO Caamsaa 17, 2024
Caasaan faashistii koloneel Abiy Ahimed uummata baadiyyaa qonnaan of jiraachisu doorsisuun qorqalbii haawasichaa cabsaa jiraachuu bira darbee xaa’oo isiniif hin laannu jechuun hiraarsaa jiraachuu jiraattonni himatu.
Hidhaa fi dararaan hojii isaa kan ta’e sirni PP, godinaalee Oromiyaa adda addaatti haaluma duraan dararaa ture jabeessuun, godina Jimmaatti kaadiroonni maafi’aa PP uummata baadiyyaa qotatee bulu, uummatichi akka xaa’oon malee oomisha oomishuu hin dandeenye waan beekaniif siyaasa isaanii geggeeffachuuf jecha gochaa fi jechaan uummata hiraarsaa jiru.
Bifuma kanaanis aanaa Saqqaa ganda Gibee Boossootti “mana tokko keessaa nama tokko kennitan malee xaa’oo hin argattan” jechuun qotee bultoota xaa’oo dhorkatanii rakkisaa jiru.
Nama leenjii waraanaa deemu mana tokko keessaa nama tokko qopheessaa jechuun dirqamaan namoota maqaan isaanii: Ridaa Daawud, Kaliifaa Abbaa Maccaa, Toofik Awwal, Nuuraddiin Mohaammad, Hayidar Abbaa Tamaamii fi namoonni hedduun humnaan qabamuun gara leenjii waraanaatti ergamaa jiraachuun ibsameera.

