ONM-ABO Caamsaa 21, 2024
Waraanni maafiyaa PP hawaasa nagaa ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi hiraarsuu amaleeffate aanaalee godina Baha Wallagga hundarraa uummata hidhaatti guuraa jira.
Aanaa Bonayyaa Boshee magaalaa Laaloo keessaa waraanni maafiyaa PP nama maqaan isaa Bareechaa Waggaarii jedhamu Caamsaa 18, 2024 bakka hojii isaa deemuun heyyama daldalaa gaafatanii yommuu inni dhabu dukkaana isaa cufsiisuun isa keessaa qabanii hidhan. Namni kun fuudhee kan mana qabu yoo ta’u, mana hidhaa keessaa baasuun leenjii waraanaatti erguu isaanii hawaasni sirnaan beekan ibsaniiru.
Dabalataanis, aanaadhuma Bonayyaa Bosheetti waraanni faashistii PP maallaqa irraa funaanuun xaa’oos qarshii qonnaan bultootaas dhowwatan. Waraanni faashistii PP Abiy Ahimediin durfamu jiraattota ganda Yaad-hundaa bakka addaa Qidaamee jedhamutti “xaa’oo isiniif finna” jechuun maallaqa uummata irraa guuranii “hanga WBO of keessaa baaftanitti xaa’oonis maallaqnis isiniif hin deebi’u” jechuun uummata saamaa fi gidirsaa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Oduuma wal fakkaatuun, godina Baha Wallagga aanaa Giddaa Ayyaanaattis hidhaan jabaatee itti fufuun aanaa kanatti waraanni PP xiyyeeffannoo addaatiin uummata hidhaatti guuraa kan jiru yommuu ta’u, guyyaa gaafa Caamsaa 18, 2024 ganama suubii manatti marsuun namoota maqaan isaanii Dhaabaa Wiirtuu fi Oliiqaa Fufaa jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf qabanii hidhaniiru.
Kana malees, godina Baha Harargee ona Qarsaatti waraanni maafiyaa PP uummata saamuu hammeessuun araddaa Mataqomaatti gaafa Eebla 28, 2024 nama Obbo Abdallee jedhamu “deggeraa WBO’ti” jechuun sangoota 2 jalaa fuudhanii erga qalatanii booda, ilma isaa Callaa Abdallee fi haadha manaa isaa aadde Nuuriyaa Aammee kanneen jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf Waajjira Poolisii aanaa Qarsaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen keenya ONM’f eeraniiru.

